Sirba 2ffaa

Yoommuu laalu abbaankoo muccayyoon kun faranjii taati jedha. Faranjii …laught…baqaa biyya alaattin ishee ergadhaa faranjii taatii isheen asitti hin haftu jedhamaa faranjii ta’eetoo biyya alaatti ergamuun sun Finfinneen dhufe calqaba. Kan galgalaa barachuudhafii jechuudha. Kan daa’immanii. Ganna ji’a lamaa baraa sadeetamii tokko sadeettamii lama akkasi gana dhufee baradheera kan daa’imanii. Dhufee baradhee galee. Gana laman dhufee baradhe jechuudha kan daa’imanii sana. Maalifii faranjii taati isheen baqqaa fagootti hawamti waan ta’eef abbaankoo haala sana naaf mijeesetoo haala saniin na barsiisatii turee booddee turee tureetanaaniimmoo dhufee asii digriikoo Kanaan baradhe. Kuma lamaafi tokko Kanaan fixe jechuudha. Digriidhan. Industriyaal desiyinii. Dizaayinii waliigala aartii. Aartii waliigalaati kanan baradhe jechuudha.

Lalii

Fakkii kaasun cinaattis dandeettii walaloo, Asoosamaafi kanneen biroo barreesuusi qabdi.

Yeroo sanii hojjadheetuman ittin gammada. Waan nama kofalchiisu tokko hojjadheen ijoollee kofalchiisaa oola. Waayis nan barreessa, akka Asoosama gaggabaaba kanas barreesen ijoollee safaraa walitti qabeen dubbiseefii ogaa isaani boo’an anisimmoo isan dubbisu sana dhiisetanan isaan wajjin boo’a. waantin ani barreesu sun nama boochisa. Amma hoggaa isaan bo’aan nama boochisuusaa Kanaan hubadhu ani. Dubbisaafiin oolaa booddee oggaa isaan boo’animmoo anis taa’een waliin boo’a. waan akkasiifaa xiqishuu ta’eetoo hagaa gibxii fa’atin xalayaa ergaa ture. Ijoollee ta’ee jechuudha. Walaloo nan barreessaa. Kayirootti. Dabdaabbedhan ergaan ture ijoollee ta’ee. Raadiyoo akkasittin qabadhee gurra kiyyarraa hin dhabamtu raadiyoon. Kan gibxii nan dhaggeeffadhaa, yeroo sanimmoo mootummaan ammaa kunis wayyaanee maal maal waan jedhamuuf isallee nan dhaggeeffadhaa.dhoksaadhan kan dhaggeeffatamu. Seensa yaadigirratti jechuudha.isalleen nan dhaggeeffadhaa, kan biraanilleen nan hordofaa. Kan Itiyoophiyaas Raadiyoo ergaan ture. Walaloo nan ergaa, Asoosama gagabaabaa nan ergaa. Maqaan kiyya gaafa achii Burtukaan Jimaa magaala Gabragurraacharraa akkas akkas xalayaa akkasii ergitee, walaloo akkasii ergitee, jennaan uummanni hiriiran mana keenya dhufa. Abbaa kiyyaan baga gammaddee. Mucayyoonkee akkasiti ergiteetoo dhageenyee. Waan akkasii ergiteetoo dhageenyee. Baga gammadde Obboo Jimaa waan akkasii babareesatan turekaa akka gibxiituu. Achiisi xalayaan naaf dhufa. Kitaabafaa naaf ergaa turan.kan fakkii. Yeroo sanuu jechuudhakaa laali. Hogaa sani waggaa kudha ja’a. akkasi yoon ta’e.

Lalii

Hojiin aartifi fakkii kaasuu hojii sochii hawaasaa calaqsiisudha. Hojii miira hawaasaa ittin mul’isun danda’amudhas. Hojiin kunis hojii gatii guddaa baasu diinagdee namaas cimsuu danda’udha.

Hin gammadu eeyyee. Hin gammadu sirritti. Ani amma hojii tokko hojjadheetoo caliseetoo dhiisee hin rafu. Waanan hojjadhe sana naannesuma ciisicha kootitan naanneessaa oola. Nan fidaa fuldurakoon godhaa yoo sirritti natti hin mul’annemmoo , akkaata sirritti nati mul’atuunimmo hikseetan akkasittin  teechisaa. Achumaan hiribin na fudhata. Baay’ee daa’ima caalayyuu hin yaadda jechuun ni danda’ama.

Hojiin hojjadhe tokko amma fakkeenyaf hotumaa kan gurguramuu ta’ee, ergan hojjadhee raawadhee na marara hin gurguru. Daa’ima ofii akkamitin gurguran.hagas sitti dhaga’ama jechuudha. Akka daa’imaa sani simarara. Ofibira gooteti baqqaa haga raftutti, borus sinsinniin irraa hin dhumu. Borus fuuteti naanuma ciisicha keetii makaraa nyaattaa, namnii yoo silaales homaa sitti hin fakkaatuu, namaanis immoo kunoo naalaalaa, irra dedebiteeti naalaalaa jetta. Gammachuun keessa keeti sun isaan keessas waan jiru sitti fakkaata beektaa yeroo tokko tokko. Irra deebitee laali kun akkana ta’ee, asiin akkasi godhee, achiin akkas godhee, mee achilaalii asilaalii baqqaa nama makaraa nyaachiftaa jechuudha. Kanaaf namni tokko tokkollee itti gammada.akkuman ani itti gammadu sana, ammakoos yoo ta’uu baatee baay’ee itti gammadan jedheetanan kaniin yaadu.

 Egaa amma ammaatti tokkoo akkuman siin jedhe kanaa bal’inaan gurgurtaa keessa hin galamnee, dhiibuma dhiibadhaan namni akkuma ati nagaafachaa jirtu kana maaf waan akkasii keessatti bal’inaan maaf hin seennee? Gaaffii jedhu dhiibbaa akkasiitin, amma ta’e waanti gurguramaatii jiru hin jira. Kan Kanaan alaa nanhojjadhaa nancimsaa, nanhojjadhaa nancimsaa. Amma uffata aadaa Oromoolleen ammayyeesee waantin hojjadhu ni jira. Bal’inaan dizaayiniisaatin cimsaatii jira. Homa namnii

Genre: